Philippians 2:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma, obboleessa kiyya Ephafrodixos, ka cinaa tiyya dhaabbatee loltichaa fi waa'ela hujii tiyya te'e, ka waan anaaf barbaachiseen akka ana tajaajiluuf isin ergitane, ergamaa keessan san deebisee gara keessan erguun barbaachisaa teetee anatti mudhateerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mala kiyya, oboleesa keenna Epafrodito isaniti ergu male. Inni wahela naa tahe na woliini hojate, isanileeni isa ergattani aka inni na qarqaaru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ani Ephafrodixos, obboleessa keenna kaa waa'ela naa tahee na waliin hojjate, ka isaniilleen akka innii na qarqaaru ergattan, sunii deebisee gara keessani erguu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Ephafrodixosiin isinii erguun giddi'i.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma Obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammoo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Afirodiixiin isinii erguun giddi'i.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana waan ana barbaachisu maraanuu akka ana gargaaruuf ergitaniinii ka turttan obboleessi kiyya Ephaafroditusiin, gara keessan erguun barbaachisaa ta'ee argadhee jira, inni'llee ana woliin ka hiriire lolttu'uu fi waahela hujii kiyya ta'ee, hojjata'aa ka ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma, obboleessa kiyya Ephafrodixos, ka cinaa tiyya dhaabbatee loltichaa fi waa'ela hujii tiyyaa te'e, ka waan naaf barbaachiseen akka ana tajaajiluuf isin ergitane, ergamaa keessan san deebisee gara keessan erguun barbaachisaa teetee natti mudhatteerti.