Philippians 2:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf isin isa deebitanee dhaggitanee akka gammaddanuu fi gaddi kiyyalle akka goomuuf, isa gara keessan ergiisaaf guddoo fedheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini guddo gara keesani isa ergu fed'a, aka hojja isa argitani gammaddani, naasuuni tiyya baddu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf anin akka isan yo isa argitan gammadanii naasuun tiyyaalleen badduu isa guddoo gara keessan erguu fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu ammallee yoo isa argitaniin akka gammaddan, anaafille gaddi akka naa salphatu guddisee ariifadhee ergaan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu ammallee yoo isa argitaniin, akka gammaddan, anaafille gaddi akka naa salphatu guddisee ariifadhee ergaan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf isin isa laalu'uun akka gammaddanii fi gaddi kiyya'llee akka salphatuuf, isa gara keessan ergu'uuniif caala'atti ni barbaade.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf isin isa deebitanee dhaggitanee akka gammaddanuu fi gaddi kiyyalle akka goomuuf, isa gara keessan ergiisaaf guddoo fedheera.