Philippians 2:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa'aatii ilaala'a malee, halchaa ifi jaallatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan tokole ufi jaalalafi yokhaani ufi guddisitiini intolchiina, ammo woldurati ufi diqeesa, waan nama d'ibi ira jirtani ufi insehiina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan tokkollee ufi jaalalaa fi yokaan ufi guddisuun hin tolchinaa, waan nama dhibii irra jirtan ufi hin sehinaa walduratti ufi diqqeessaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookaan sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haa ta'uu ammo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara laafumma'aan haa laalu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookiin sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haata'uu ammoo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara-laafumma'aan haa laalu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara laafnnaan guutamttanii namoonni kuunniin isin irra akka fooyaya qaban taasisa'aatii lakkaayaa malee, mataa keessan jaalalaan yookiin «Ana malee eennutu jira» ufi dhaadu'uutiin jedhuun, womaayyuu hin raawwatinaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa'aatii ilaala'a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina'a!