Philippians 3:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kana maraa dhaggadheera yookiin guutadheera jechu'uu moti; ammoo Kiristoos ka ifii na godhatee badhaasa anaaf qopheesse san harkatti galfatiisaaf hin mixiixxadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan kana qara argad'e injed'u, yokhaani Ya qit'oome injed'u. Ammo guddo barbaada aka argad'u, waan Kristo Yesoni duriyu na barbaade na argateefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin waan kana qaraa argadhe yokaan ya guutadhe hin jedhu. Ammoo akka argadhu guddoo barbaada, waan Kiristoo Yesus duriiyyuu barbaadee na argateef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana maraa argeera; yookaan guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haa ta'uu ammo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana maraa argeera yookiin guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haata'uu ammoo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasiifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana maraa amma'llee hin arganne, yookiin kana maraanuu muda maleessa ta'ee jira jechu'uuf hin danda'u, haa ta'u malee Yesus Kristos ana ka isaa taasisee, kennaa naaf qopheesse argachu'uuf ufi durana fiigu'uun ni hisadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kana maraa dhaggadheera yookiin guutadheera jechu'uu moti; ammoo Kiristoos ka ifii na godhatee badhaasa naaf qopheesse san harkatti galfatiisaaf hin mixiixxadha.