Philippians 3:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra akka sare'ee foon nafa namaa kukkutiisaan, hantuu godhu irraa ifi eeggadha'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra waan hamtu tolchu fed'u, sareele, nama intahiini, ka nafa namaa ch'iru fed'u eegad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra waan hamtuu tolchuu fedhuu, sareelee nama hin ta'in, ka nafa namaa ciruu fedhu eegadha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra akka sare'ee foon namaa nyaatanii fi hojjattoota hammeeyyii irraa uf eegaa'a. Worra seera fooniitiin waan hin taaneen dhugamaan gadoomneerra jedha'aa soban irraa uf eegaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra akka sare'ee foon namaa nyaatanii fi hojjattoota hammeeyii irraa uf eegaa'a. Worra seera fooniitiin waan hin taaneen dhugamaan gadoomneerra jedhaa'a soban irraa uf eegaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka sare'ee asii fi achi worra fiigan hameenna raawwattoota irraa ufi eeggadhaa, foon ka mummuran worra gadoomssan, irraa ufi eeggadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra akka sare'ee foon nafa namaa kukkutiisaan, hantuu godhu irraa ifi eeggadha'a!