Philippians 3:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhaladhee guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabadhe; sanyii Israa'elii, gosa Beniyaamii keessaa dhaladhe. Abbaan kiyyaa fi haati tiyya Ibroota waan te'aneef ani Ibricha makaa hin qanne; karaa seera eegatiisaatille'een, ani worra Fariisaayotaa keessaa tokko.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi d'alad'e torba bule qabanqaba na qabani. Gochiti tiyya Israeli, balbala Benjamini, Ebrania d'ugaati. Aada Yahudi gula anini Farisayo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin Ibraaniyaa dhugaati. Eegii ani dhaladhee torba bule dhaqanqabaa naa qaban. Gochii tiyya Israa'el, balbaltii tiyyalleen Beeniyaamii. Aadaa seera Yahudiillee gula an fariisota.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ka guyyaa saddeetesso'ootitti gadoome; dhaloota Israa'elii keessaa ka gosa Biiniyaamii, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ka guyyaa saddeetaffa'aatitti gadoome dhaloota Israa'elii keessaa gosa Biiniyaamii ka ta'e, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani dhaladhee guyyaa saddeetaffaa titti gadoomee jira, dhaloota kiyyaan'llee gara gosa worra Biiniyaamiitii ka ta'e Israa'eelicha, kana irraa'llee ka ka'een, Ibraawicha Qulqullu'u. Waayee Seera Yihudotaa eegu'uutiin'llee yoo ta'e, Fariisaayicha ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhaladhee guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabadhe; sanyii Israa'elii, gosa Beniyaamii keessaa dhaladhe. Abbaan kiyyaa fi haati tiyya Ibroota waan te'aneef ani Ibraawicha makaa hin qanne; karaa seera eegatiisaatille'een, ani worra Fariisaayotaa keessaa tokko.