Philippians 3:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Seera kanaaf hinaafiisaan wolde'a kiristaanaa miidhaa ture; balchummaan seera eegatiisaan waan dhaggantu adoo teetee, ani komii hin qabuuyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini guddo owe gumi Yeso balleesu malad'e. Yo nami Seera gula deemu d'uga argate, yoosi anini wollaala tokole inqabu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf anin guddoo aaree gumii Yesusitti dhugeeffatte balleessuu maladhe. Yo silaa namii seera gula deemu dhugaa argatee, anin wallaala tokkollee hin qabu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamuu yoo na gaafattan mudaa malee ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamu yoo na gaafattan mudaa malee ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee Seera duraniitiif hinaafu'uun'llee yoo ta'e, amantoota woldaya amaniti'ii ni ari'a ture. Seera eeguun waayee qulqullaawomnnaa'llee yoo ta'e, ashaa malee ni jiraadha ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seera kanaaf hinaafiisaan wolde'a kiristaanaa miidhaa ture; balchummaan seera eegatiisaan waan dhaggantu adoo teetee, ani komii hin qabuuyyu.