Philippians 3:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkisiin ani ka Kiristoosii te'ee dhaggame. Maarre balchummaan tiyya ta seera eeggatiisaan dhaggante adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan ta dhaggante; balchummaan tun Waaqa irraa dhutti; dhugeeffannaa irralle'etti hundootti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
isaani takaa tahu. Anini ammatana d'uga nami Seera guutu argatu tokole inqabu. Anini amma d'uga ta d'ugefacha Yeso Kristotiini argatani qaba, d'uga Waaqa biraa d'uftu, ta d'ugefachaani argatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
isaan tokko tahu. Anin ammaa tana dhugaa namii seera guutu argatu tokkollee hin qabu. Ammoo dhugaa Waaqaa biraa dhuftu, ta dhugeeffachaa Kiristootiin argatan qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka kanaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argamte uduu hin taane, ta Kiristoositti amanu'uun argamte; qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka kannaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argame uduu hin taane, Kiristoositti amanu'uun ta argamte, qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee sababaan raawwatuuf seera irratti ka hundaaye qulqullaawoma mataa kiyyaa dhiisee amanitii irratti ka hundaaye qulqullummaa Waaqaa Kristosiin amanu'uun, argachu'uu fi isa woliin'llee ta'u'uun.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkisiin ani ka Kiristoosii te'ee dhaggame. Maarre balchummaan tiyya ta seera eeggatiisaan dhaggante adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan ta dhaggante; balchummaan tun Waaqa irraa dhutti; dhugeeffannaa irralle'etti hundootti.