Philippians 4:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa heddu'uun duuba ammalle anaaf yaadatuu waan jalqaddaneef, ani Gootta'atti guddoo gammada. Duraanuu dhugumaan anaaf yaadataa turtane; huji'iin mudhisiisaaf ammoo daguu hin dhagganne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini maro Aabbootiifi guddo gammada! Eegi guyya heddu isani ammalle aka waan kiyya hereddani ya agarsiiftani. Anini qara isani waan kiyya yaalu lakiftani injenne qoomni agarsiiftanii d'abdani male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin marroo Aabbootiif guddoo gammada! Isan ammallee haga guyyaa hedduutii akka waan kiyya herreddan ya agarsiiftan. Qaraallee qoommii agarsiiftaniin dhabdan malee waan kiyya yaaluu diddan isaniin hin jenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo hennaa kanaan maayessa waan kiyya deebitanii waan yaaduu jalqabdaniif Goofta'aan guddisee gammada. Hennaa dhabdan malee yaaduullee hin yaaddan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo hennaa kanaan maayessa waan kiyya deebitanii yaaduu waan jalqabdaniif, Goofta'aan guddisee gammada. Hennaa dhabdan malee yaaduullee hin yaaddan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo baayi'e'een duubatti deebitanii waayee rakkinna kiyyaatiif yaaduu waan jala qabddaniif, Goofta'aan gammachuun ol aanaa ta'e natti ni dhagayama, kana'llee yoo jedhu waan yaadanii jirttan huji'iin muldhisu'uuf carraa hin arganne ture jechuu kiyya malee, waayee rakkinna kiyyaa yaaduu keessan addaan kuttanii jirttan jechuu kiyyaa miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa heddu'uun duuba ammalle naaf yaadatuu waan jalqaddaneef, ani Gootta'atti guddoo gammada. Duraanuu dhugumaan naaf yaadataa turtane; huji'iin mudhisiisaaf ammoo daguu hin dhagganne.