Philippians 4:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa ani jalqaba Oduu Gammadaa lallabiisaaf Maqedooniya'aa baye, isin malee wolde'i kiristaanaa tokkolle kenniisaa fi fudhatiisaan na gargaariisaaf akka hin hirmaatin, isin worri Filiphisiiyuusii hin beettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani worri Filipi, imbeetani aka gaafa anini qara Makedoniaa bahe, Odu Dansa odeese gumiini Waaqa ta na qarqaarte isani ch'alla, naafi isani ch'allati, d'ipufi ballinna kiyya woliini qoodate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan warri Filiphii, gaafa anin qaraa Maqedooniyaa bahee oduu dansaa odeessee, akka gumiin Waaqaa ta na qarqaarte isan callaa inbeettan. Naa fi isan callaatti dhiphuu fi ballinna kiyya waliin qoodate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin namoota Filiphisiyuusii! jalqaba Dubbiin Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin namoota Filiphisiyuusii, jalqaba Oduun Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan malee'llee wongeela lallabu'uuf yeroo jala qabetti, Maqedooniya'aa yoo bayu, isin amanttoota Filiphisiiyuustti argamittan malee, kennu'uun ta'ee fudhachu'uun'llee ana woliin ka hirmmaate, woldeenni amanttootaa ka bira'aa akka hin turin isin mataan keessanuu ni beekittan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa ani jalqaba Oduu Gammadaa lallabiisaaf Maqedooniya'aa baye, isin malee wolde'i kiristaanaa tokkolle kenniisaa fi fudhatiisaan na qarqaariisaaf akka hin hirmaatin, isin worri Filiphisiiyuusii hin beettan.