Philippians 4:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waan anaaf barbaachisuu fi haga anaaf barbaachisuun caalaalle fudhadheera; kennaa isin naa ergitane harka Ephafrodixosii irraa fudhadhee naa mijooteerti; kennaan teessan tun, akka ciincaa uddaa qabuu, ka Waaqi fudhatuutii fi itti gammaduu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tatabeeni aka isani waan kana ch'ufa naa kennitani agarsiiftu tana isiini waan guddo! Anini waan fed'u ch'ufa ya argad'e, maro Epafroditoni waan isani ergitani ch'ufa naa d'ufeeniifi. Wonti kunini aka sorio urgooftu ta Waaqaa baasani jirti, ta inni fud'ate gammaduuni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergaa akka isan waan kana cufa naa kennitan agarsiiftu ya argadhe. Anin waan fedhu cufaa kaa isan Ephafrodixositti naa ergitan ya argadhe. Wanti kuninii akka sooriyo urgooftuu Waaqaa baasanii, ta inni fudhatee gammaduun jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo maraa hin qaba; naa baay'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee gammachu'uun guuttameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo maraa hin qaba, naa baayi'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee, gammachu'uun guuttameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka ana barbaachisuu fi ka ana barbaachisuu oltti'llee kennaan naaf ergitan, harka Ephaafroditusiitii fudhadhee jira, kennaan keessan kun'llee akka waan kitimaa foolii misha'aan guuttamee titti, ka Waaqinni ufitti fudhatuu fi ka gammachiisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan naaf barbaachisuu fi haga naaf barbaachisuun caalaalle fudhadheera; kennaa isin naa ergitane harka Ephafrodixosii irraa fudhadhee naa mijootteerti; kennaan teessan tun, akka ciincaa uddaa qabuu, ka Waaqi fudhatuutii fi itti gammaduu ti.