Philippians 4:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Atille waa'elli kiyya addatamaan, dubbartoota tana akka gargaartuuf si kadhadha; dubartooti tun, Kilemensii fi worra dhibii worra maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti barreeffame, lansoota tiyya woliin te'anee, Oduu Gammadaa dhaqqassiisiisaaf ana woliin jabaatanee hujaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atileeni, wahela kiyya dansa, nad'eeni tana qarqaari; wonti akanatiifi worri na woliini hojate, aka odu dansa odeesani, Klementifi worra na woliini hojatu ch'ufa woliini, ka maqa worraa kitaaba jireenna keesati t'aafani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaala kiyya ka anin guddoo jaaladhu atilleen, nadheen tana ta oduu dansaa haasoofte, ta Kilemensii fi warra dhibii ka na waliin hojjatullee waliin jirtu, ka maqaan warraa kitaaba jireennaa keessa jiru naa qarqaari.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan kuuwwanillee waan Dubbii Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan, kuuwwanillee waan Oduu Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ati'llee ka achi jirttu waahelli amanamaan hujii kiyyaa, dubarttoota kanniin akka isaan gargaartuuf si ni kadhadha, dubarttoonni kunniin anaan woliin Kleeminxoosii fi worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti barreeffaman kaaniin waahellan hujii kiyyaa woliin ta'u'uun, karaa wongeela itti woliin gayu'uutiin qabssaayanii jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Atille waa'elli kiyya addatamaan, dubartoota tana akka qarqaartuuf si kadhadha; dubartooti tun, Kilemensii fi worra dhibii worra maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti barreeffame, lansoota tiyya woliin te'anee, Oduu Gammadaa dhaqqassiisiisaaf na woliin jabaatanee hujaneeran.