Philippians 4:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa'aa fi waan galateeffachiisuun guuta'a: waan dhugaa te'e, waan ulfinnaa, waan sirrii te'e, waan qulluu te'e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi buufata, oboleyaani tiyya hojja ch'ufa dansumafi qajeelumumafi d'ugaafi balchumafi qulqulloomafi waan dansa mirgiti ta faarsu malani herega.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbii buufataa, obboleeyyan tiyya yo cufaa waan dansaa mirgittii, taa akka dansoomaa, qajeelummaa, dhugaa, balchoomaatii fi qulqullummaa herregaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan hafeen obboleeyyan tiyya! waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan hafeen obboleeyyan tiyya, waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa'aa fi waan galateeffachiisuun guuta'a: waan dhugaa te'e, waan ulfinnaa, waan sirrii te'e, waan qulluu te'e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha'a!