Proverbs 24:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato atini, wonti kunini huji tiyyaniti anini keesa imbuu jettele, Waaqi ka herega nama ch'ufa beekhu waan suni inargu? Inni qara siuma eeguu jira, waan kanke ch'ufa imbeekha, inni duuba woma atini tolchitu gula waan sii male si tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati hagamillee «Yoo waan kana ani hin beeku» jette ka garaa namaa qoru sitti hin beekuu? ka lubbuu tee eegu hin beekuu? maraafuu akka hujii isaaniititti isaanii hin kennuu?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati, «Nuuti marroo waan kanaa hin beenne» yoo jette, ka gadhaa namaa qorqoru kana hin hubatuu ree? Ka jiruu teeti eegu hin beekuu ree? Inni nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffaluu ree?