Proverbs 25:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami dansaani yo ergatani erga mid'aasu, nama isa ergatu suni akuma bisaani nama adu keesa mid'aani muru qabaneesani, nafa isaa qabaneesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma hennaa midhaan haama'aa bisaan barada'aa garaa namaa qabbaneessu; ergamaan amanamaan ka isa ergeefillee akkasuma; gooftota ufiillee waan gammachiisuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bisaan dhakaa roobaatiin qabbanowe, yennaa midhaan galcha'aa akkuma gadhaa namaa qabbaneessu, ergantooti addatamootille nama isaan ergatuuf akkasuma; isaan yaada goottolee ifii hin foorfachiisan.