Psalms 126:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu akami kofalle gammanne sirbine! Duuba gochiti d'ibiini waan keenna dubbate waan jette, AABBO Waaqi waan jabdu worraa tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san gammannee kolfine; arrabni keenna faaruu gammachu'uu faarfate; sababaa kanaaf baniin kuuwwan, «Rabbi waan guddaa isaanii godhe» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Afaan keenna kollaan, arrabi keenna ililleetti'iin guutame. Achiin duuba gosa biyya adda addaa oddu'utti, «Mootiin Waan Maraa waan guddoo isaaniif tolche» jedhante.