Psalms 131:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo anini finna kiyya ya quufe, nagayumani taa. Akuma daimi harka haad'a keesati ch'allise ufumaa tau, akasuma garaani kiyya na keesati ch'allise taa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lubbuu tiyya dubbii dhoogge; akkuma daa'imni harma gu'e cadhisee haadha irra taa'u, anillee ka hin dubbannee fi ka cadhisu ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka annuu harma irraa guutee haadha woliin jirtuu, ani lubbuu tiyya sarmisiisee cadhisiise; akka annuu harma irraa guutee, lubbuun tiyya na keessatti cadhitte.