Psalms 144:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woraana hama duraa na baasi; harka nyaapa hojja ch'ufa d'ara dubbatu, ka hojja kakhachiisanile kiyyiba dubbatu, jalaa na baasi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harka nyaaphxicha diina kiyyaa jalaa na oolchi; afaan isaanii soba dubbata; harki isaanii ka mirgaa kakuu sobaatiif ka'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Na hamburi; harka worra ormaa keessaa na baasi; afaan isaanii soba dubbata; harka middicha ol kaasanee dharaan kakatan.