Psalms 17:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee AABBO Waaqa, na ch'aqasi d'uga naa galchi; aka anini tae qarqaarsa siti bohu d'agayi! Kad'acha tiyya ta d'ugale naa d'agayi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Rabbi! Iyya kiyya naa dhagayi; kadhaa kiyya ka qajeellumma'aan dhiyeeffadhe naa caqasi; kadhaa kiyya ka soba hin qabne dhagayi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa, gaaffii tiyya ta haqaa dhage'i; iyya tiyya caqasi. Gurra keeti gara daadimata kiyya ka soba hin te'inii deebifadhu.