Psalms 18:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargala kiyya keesa anini AABBO Waaqa yaamad'e, na qarqaari jed'eeni, Mana isaa keesa inni qonqo tiyya d'agaye, iyyanti tiyya isaani baate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa rakkadhe Rabbiin waamadhe; Waaqa kiyyatti iyyadhe; innillee mana woyyuu ufii keessaa laagaa kiyya naa dhagaye; iyyansi kiyyallee isa bira gaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Rakkinna kiyya keessatti ani Mootii Waan Maraa kiyya waammadhe; akka na qarqaaruuf, Waaqa kiyyatti iyye. Inni Dunkaanii Woyyittii ifii keessaa qoonqoo tiyya dhage'e; iyya tiyyalle caqase.