Psalms 19:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqa sodaachani waan dansa, sodaani tunini haga jiru jireenna teeti. Murani AABBO Waaqaa ta d'ugaati; diqole wollaala inqabdu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin sodaatuun qulqullu'u; baraa haga bara baraa jabaatee jiraata; murtiin Rabbii maruu dhuga'a; guutumatti qajeellumma'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootii Waan Maraa sodaatiis yaada qullicha; yaadi kun haga bara baraa jiraata. Muraan Mootii Waan Maraa marti dhuga'a; isiin yennaa mara haqa.