Psalms 20:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma anini imbeekha, aka AABBO Waaqi hayyu inni fohate muude baasu. Inni fulla isaa qulqullo gubbati isa ch'aqase, jabeenna isaatini waan heddu isa dabsachiisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi nama ufii muudee moosise akka gargaaru amma beeke; harka ufii ka mirgaatiin mootee kennaaf; kadhaa isaatii hulee ufii woyyittii irraa deebii kennaaf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa ka ifii muude akka qarqaaru ani hin beeka; inni ol-gubbaa woyyittii ifii keessaa deebii isaaf hin kenna; harka ifii middichaan injifachaa guddoo isaaf hin kenna.