Psalms 22:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni hiyyeesa illakisu, yokhaani gaargala worraale argu indidu. Ammalle duraa ind'okhatu, ammo hojja worri qarqaarsa iti bohu ind'agayaafi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni rakkinna nama rakkateetitti hin cadhifne; haala inni keessa jiru keessattillee itti hin cadhifne; fuula ufii isa irraa hin deebifanne; iyya inni gargaarsaaf iyyatullee hin dhagayeef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni nama rakkate hin tuffanne; inni fuula ifiille isa irraa hin deebifanne; ammoo yennaa inni gara isaa iyye isaaf dhage'e.