Psalms 27:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan toko ch'alla AABBO Waaqa kad'ad'a, waan toko ch'alla isaa iraa fed'a: aka haga jiru ch'ufa mana AABBO Waaqa keesa tae mid'aaguma isaa mame, Mana isaa keesati isa kad'ad'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Rabbiin waan tokko kadhadha; isiillee hin barbaada; bara jireenna kiyyaa maraa mana Rabbii keessa jiraachuu; bareedaa fi ulfinna isaa maalalee inni godhu laalu'uu fi akka mana woyyuu keessatti isa kadhachuu danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha; isiille dhaggatuu barbaada: bara jiruu tiyyaa mara mana Mootii Waan Maraa keessa akka le'u, dansummaa isaa akka dhaggu, Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti akka isa barbaadadhu.