Psalms 35:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee AABBO Waaqa, atini haga yoomi, ka woma intolchine waan kana ufuma teete ilaalta? Harka worraa jalaa na baasi, nyeench'a kana ch'ufa duraa na baasi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Rabbi! haga yoomii cadhiftee na laalta? lubbuu tiyya hujii isaanii hamaa irraa, lubbuu tiyya takkattii tana leenca jalaa oolchi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Gootta'a, haga yoomii cadhittee na ilaalta? Worra na miidhu, ka akka neenqaa kana jalaa na baasi.