Psalms 36:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ugaani tante akuma gaara d'eerati; d'ugaani atini qorte woini murtuleeni haga d'immu baariini gadi fagaati. Namaafi horileeni harkuma kanke keesa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Rabbi! balchummaan kee akka gaarranii guddisee ol fagaata; murteen kee akka galaana gad fago'ooti; namootaa fi busaayaa waan hamaa jalaa oolchita.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa, balchummaan teeti akka gaarota gugurda'aa ti; muraan teeti akka gad fageenna abbaaya'aa ti; ati namaa fi horii, bineensalle hin eedda.