Psalms 4:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo anini si yaamu na jala owaad'i, Ee Waaqa, ka d'uga naa taatu. Gaafa anini gaargala qabu ya na qarqaarte, amma naa nahi kad'acha tiyya naa d'agayi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waaqa na balchoomsitu; yoo si waamu naa deebisi! rakkinna kiyya irraa hara na baafachiisi; na maari; kadhaa kiyya naa dhagayi;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Waaqa balchaa kiyya, yennaa ani si waamu naaf owwaadhu. Yennaa ani rakkoo keessa jiru ati ammoo bilisa na baacha. Ammalle naa mararii daadimata kiyya dhage'i.