Psalms 40:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni boola hamtu keesaa na baase, maansa anini keesa lit'e keesaa na fuud'e, d'akha gubbaa na d'aabe na jabeese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Boolla nama liqimsu; leephoo namaan citu keessaa na baase; miila kiyya dhagaa irra dhaabe; deemsa kiyyallee hin jabeesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni boolla caffa'aa, linxixxoo dhoqqe'ee keessaa na baase. Inni miila kiyya rassaa irra dhaabbachiisee, addee jadduu ani ideemu naa kenne.