Psalms 42:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja anini waan dabre qaabad'u, gaafa anini gumi guddo woliini Mana Waaqaa d'aqe, gumi gammada qabdu ta sirbite Waaqaa faarsa yaatu dura deeme, garaani naa hamate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani namoota baay'ee woliin isaan afoo deema'aa gara mana Rabbii dhaqa; worri ayyaana ayyaanteeffatan faarfata'aa ililfata'aa Rabbii galata galchan; ani akkaataa kanaan waan darbe hennaa yaadu ani guddisee gadda.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani gumii san woliin, gumii jila jilifattu woliin, ililleetti'ii fi faaruu galataatiin, gogeessaan sooressaa gara Galma Waaqaa attam akka deeme yennaa qaabadhu, gadhaan kiyya gaddaan na bada.