Psalms 42:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa boojiani iti na geesani tana keesati garaani na hamata, jennaani garaani kiyya isaa ch'alla qabate. Inni waan aka d'awa galaanatiini na d'ae na laalefachise gaargali aka fach'aa bisaanii nati fach'ae, aka bisaani gaara Harmonitiifi ka Mizari iraa dibbisani galaana Yordaniti yaani, nati baafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waaqa kiyya waan ganaa galatoonfadhuuf; lubbuun tiyya na keessatti gadditeerti; kanaaf biyya Yoordaanosiititti; tulluu Armooni'eemiititti; gaara Miizaariititti si yaadadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Lubbuun tiyya na keessatti gadditeerti; tanaaf ani lafa Yordaanosiitii fi kooba Hermoonii irraa, gaara Mizaarii irralle'ee si qaabadha.