Psalms 44:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka atini gosa Waaqa imbeenne gussite, gumi tante lafa worra keesa qubsiifte; ammalle aka atini gosa d'ibi gaargalchite, ammo gumi tante eebifte horsiifte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii harka keetiin ariitee isaan baafte; abboota teenna garuu isaan dhaabde; banii hin butuchite; abboota teenna garuu bilisa baafte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati harka keetiin gosa biyya adda addaa lafa keessaa ariitee baattee, abbootii teenna ta durii lafa isaanii keessatti qubachiitte. Gosa biyya adda addaa dhibii balleessitee, abbootii teenna ta durii horsiitte.