Psalms 45:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nad'eeni fulla teetiti galtu dubra hayyuuti keesa jira, barch'uma kanke ka hayyuma, gama mirga, hayyiti faaya worqi naqatuti eja.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartoota tee ta kabajjaman ta mana mootumma'aa keessatti argaman keessa, ijoollee moototaa ta intalaatitu argama; mootittiin uffata worqii mishaa irraa hojjatame ka calanqisu bareedaa uffattee teessoo kee cinaa mirgaatiin dhaabatteerti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartoota mana mootumma'aa keessa jiranu odduu, ijoolleen durraa ta moototaa jiran; giittittiin worqii biyya Ofiirii naqattelle gara harka keeti middaatiin dhaabbatti.