Psalms 48:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu waan Waaqi tolche qara d'ageenne, amma yayu dira Waaqa AABBO keenna gudda keesati argine; inni dira suni jabeese haga jiru jireenna qorqorata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan Rabbi godhe dhageenneerra; akkasuma ammallee Gooftaan waa maraa danda'u waan inni qachattii ufii keessatti godhe ija keennaan argine. Inni qachattii san baraa haga bara baraa jabaattee akka jiraattu taasisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi qachaa ifii haga bara baraa jabeessee akka dhaabu, akkuma dhageenne, akkasuma qachaa Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dadee, ka Waaqa keennaa irratti dhaggineerra.