Psalms 53:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daalleeni Waaqi injiru ufiini jed'a. Worri worra ch'ubbuti, waan hamtu tolche; nami d'uga tolchu injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gowwaan garaa ufiititti, «Rabbi hin jiru» jedha; worri akkanaa kunniin worra balla'e; hujiin isaaniillee balfisiisa'a; ka waan mishaa godhu tokkollee hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gowwooleen gadhaa ifii keessatti, «Waaqi hin jiru» jedhan; isaan worra bada'a; waan gadhee hujan; isaan keessaa ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru.