Psalms 57:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nyaapa aka gorjama jiruti na marse, ka gaadeeni isa woraanafi t'iya fakaate, arabi isaaleeni goraade qara qabdu fakaatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lubbuu tiyya leencaniin marfamteerti; busaayaa nama cicciran wodhakka'atti kufeera; kunniin namoota ilkaan isaanii ebo'oo fi buundhe'ee, arrabni isaanii guraadee qarame ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani worra akka neenqa nama nyaatiisaaf ila babaasuu odduu irkadhe. Ilkaan isaanii akka ebo'ootii fi daayaa ti; arrabi isaanii akka shallaagaa qaramee ti.