Psalms 65:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ayyaana isaniti, ka atini fohate Mana kanke qulqullooti galchitu. Nu waan dadansa mana kanketi guunne, eeba Mana kanke qulqullo arganna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka ati filatte; ka gara kee dhiyeessite; ka hulee kee ka itti gad bayan isa jiraachifte; eebbifama'a! mana kee woyyuu woyyoome keessaa; eebba mana keetiitiinillee dheebuu baana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri ati filattee badhinna mana keetii keessa akka le'anu ka ifitti dhikeeffatte ka eebbifame. Nuuti waan dansaa mana keetii, ta Dunkaanii Woyyittii teetiitiin hin quunna.