Psalms 68:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa Misiri, bineensa hama ilaadu keesati galu suni, fakeesi woi iti himi; ammalle gosa d'ibi, ta koromifi yabbiye fakaatu tana jabeesi woi iti himi, haga worri ch'ufti gajed'e qarsi sii baasuti. Worra woraanani yau kana firfirsi lafa ch'ufa keesaa balleesi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Busaawaa leemman keessa jiraatan; gobbuu kormaa ka waatilee bani'ii jidduu jiraatan xixi; birrii akka gabbaruuf haa jilbiiffatuu; banii lola jaalatan bittinneessi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Biyya Gibxi'ii, ta akka bineensa shonbooqqoo keessaa xixi; mootota biyya adda addaa, ta akka korommi'iitii fi jabbi'ii xixi. Akka meeti'iin gabbaranu jilbiiffatanuu ti; gosa biyya adda addaa ta lola jaalattu bittinneessi.