Psalms 69:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo anini si kad'ad'a, ee AABBO Waaqa; atini hojja sii malte na d'agayi. Maro jaalala tante guddotifi na ch'aqasi, waan atini, si baasa jette kakhateefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Rabbi! ani ammo sa'aatii ati jaalattetti si kadhadha; Waandhana! jaalala kee ka bara baraatiin; fayyinna kee ka dhuga'aatiin naa deebisi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa, yennaa si biratti fudhatama qaddutti ani gara keeti daadimadha; ee Waaqa jaalala keeti ka bara baraatiin, fayyisiisa keeti ka dhuga'aatiin, deebii naaf kenni.