Psalms 88:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yayu reefa keesati na lakisani, anini nama fit'ani awaala keesa ch'iisu fakaad'a, ka atini deete, qarqaarsa kanke ch'ufa iraa kute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka worra du'ee awwaala keessatti gatamanii; akka worra ajjeefamanii awwaala keessa ciisanii; akka worra ati ammaa achi hin yaadannee; akka worra si harkaa bayanii badanii ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani akka nama worra du'e keessatti gatamee, akka worra ijjeefamee awwaala keessa ciisuu, akka worra ati deebitee hin qaabannee, ka ati ijjumaa hin qarqaarree te'e.