Revelation 1:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Qoonqoon sun, “Waan dhaggitu kitaaba mara'aatitti barreesiitii, wolde'oota kiristaanaa torba ka qachaa Efesoonii, ka qachaa Simiirnaa, ka qachaa Phergamoonii, ka qachaa Tiyaatiraa, ka qachaa Saardesii, ka qachaa Filaadelfiya'aatii fi ka qachaa Laa'odiiqeya'aa keessa jiruuf ergi!” naan jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini waan jette, Waan atini argitu kana kitaaba keesati t'aafi, gara gumi torbaani tana ergi: ta Efeso, ta Smirna, ta Pergamo, ta Thiatira, ta Sardi, ta Filadelfia, ta Laodikiale.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isiin, “Waan argitu kana kitaaba keessatti barreessi! Gara gumii Kiristaanaa, ta Efesoon, ta Simiirnaa, ta Phergamoon, ta Tiyaatiraa, ta Saardes, ta Filaadelfiyaa, ta Laa'odiiqeyaa jirtuu torbaaniifuu ergii” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelfiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qoonqoon sun, «Waan dhaggitu kitaaba marama'atti barreessiitii, wolde'oota kiristaanaa torba ka qachaa Efesoonii, ka qachaa Simiirnaa, ka qachaa Phergamoonii, ka qachaa Tiyaatiraa, ka qachaa Saardeesii, ka qachaa Filaadelfiya'aatii fi ka qachaa Laa'odiiqeya'aa keessa jiruuf ergi!» naan jette.