Revelation 1:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
waan issaan irra keyamu oddu'ulle'etti waan ilma namaa fakkaatu tokko dhagge; inni uffanna dheeraa hirba bira geyu uffatee, hidhata worqi'iitiin qoma ifii hidhateera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jiddu ifse suni keesa waan aka nama jira tokoti eja, ubaari isaa miila gaha, qoma isaa gubbati woya worqiti mara qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jidduu ibsee sunii keessa waan akka namaa jira tokkootti ejja, hubbaara dheeraa miila gahu keeyyate, qoma isaa gubbaatti wayaa warqiitti maraa qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baattuuwwan ibsaa worqi'ii torba arge. Baattuuwwan wodhakka'atti waan ilma namaa fakkaatu arge; innillee uffata dheeraa haga lukaa gawu uffatee sibiila worqi'ii qomatti hidhateera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Baattota ibsaa Worqi'ii torba arge. Baattota wodhakka'atti waan ilma namaa fakkaatu arge, innillee uffata dheeraa haga lukaa gawu uffatee sibiila worqi'ii qomatti hidhateera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
baattuuwwan jiddu'uutti'llee Ilma Namaa ka fakkaatu ni arge, inni'llee haga miila isaa ka gayu uffata dheeraa ka uffate, laphee isaa titti'llee lapheen isaa'llee woraanittillee worqqi'iitiin ka hidhate ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
waan issaan irra keyamu odduulle'etti waan ilma namaa fakkaatu tokko dhagge; inni uffana dheeraa hirba bira gewu uffatee, hidhata worqi'iitiin qoma ifii hidhateera.