Revelation 1:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Harka middichaan urjoota torba qabateera; afaan isaa keessaa goraadee qara lamaa ta qarantetti baati; fuulli isaalle akka aduu orra'aa ifa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni urji torba harka mirgicha qaba, aflameedi qara qabduti afaani isaa keesa jira. Fuuli isaa aka adu guyya gudda ifsa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii urjii torba harka mirgichaa qaba, billaa aflammeeddaa ka garii lachuu qara qabuutti afaan isaa keessa jira. Fuulii isaa akka aduu guyyaa guddaa ibsa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harka isaa ka mirgaa irraa urjiiwwan torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya; fuulli isaa akka aduu guddiftee iftuuti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Harka isaa ka mirgaa irraa urjoota torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya. Fulli isaallee akka aduu guddiftee iftuutti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Harka isaa ka mirgaa titti urjjiiwwan torbaa qabatee jira ture, gara lamaaniinuu qara ka qabu biloofnni afaan isaatii ni baya ture, fuulli isaa guutuun ifiinssi isaa akka aduu ifuu ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Harka middichaan urjoota torba qabateera; afaan isaa keessaa shallaagaa qara lamaa ka qarametti baya; fuulli isaalle akka aduu orra'aa ifa.