Revelation 1:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani Yohaannis, wolde'oota kiristaanaa torba ka lafa Asiyaa keessa jirtanuuf, badhaadhii fi nageenni Waaqa amma jiru, ka duri jiru, ka dhufu'uu jiru biraa, ayyaanota torba ka barcumaa mootummaa isaa dura jiranu biraa,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Yohanani gara gumi torba ta lafa Asia keesa jirtu waan kana t'aafa: Waaqi ka amma jiruufi ka durile jiru, ammalle ka hegerile jiruufi lubbu torbaani ta barch'uma isaa dura teteetufi
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin Yoh. aannis, gara gumii torba ta lafa Asiyaa keessa jirtuutti waan kana barreessa; Waaqii ka amma jiruu fi ka duriille jiru, ammallee ka hegeriillee jiruu fi lubbuu torbaan ta barcumaa isaa dura teteettuu fi Yesus Kiristoon, dhugaan dhugeeffatan, Ilmii angafaa ka du'a keessaa kaasan, ka hayyuu hayyoota lafa tanaa, eebbaa fi nagaa isanii kenninna! Innii nu jaalata, ammallee dhiiga ufitiin cubbuu keessaa nu baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture; ka ammallee jiru; ka dhufu'uuf ta'uu fi Ayyaanota torban teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Yohaannis, wolde'oota kiristaanaa torba ka lafa Asiyaa keessa jirtanuuf: Badhaadhii fi nageenni Waaqa amma jiru, ka duri jiru, ka dhufu'uu jiru biraa, ayyaanota torba ka barcumaa mootummaa isaa dura jiranu biraa,