Revelation 1:5 — Compare Translations

5 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus Kiristoosii dhugaa-bayaa addatamaa, ka worra du'e keessaa angafa te'ee kaafamee fi bulchaa mootota lafa tanaa te'e biralle'ee isiniif te'u jedha. Ka nu jaallatee cubbuu teenna jalaa dhiiga ifiitiin bilisa nu baasee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
ka nu jaalatuu fi dhiiga isaatiin cubbuu keenna irraa bilisa ka nu baase, Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus Kiristoosii dhugaa-bayaa addatamaa, ka worra du'e keessaa angafa te'ee kaafamee fi bulchaa mootota lafa tanaa te'e biralle'ee isiniif te'u jedha. Ka nu jaalatee cubbuu teenna jalaa dhiiga ifiitiin bilisa nu baasee,