Revelation 1:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kunoo, inni duumensaan dhufaara, ilti marti isa hin dhaggiti, worri isa woraaneeyyuu hin dhagga; kolbaan lafa irraa marti sababa isaatiin hin booyan. Ee! Akkasuma hin teet. Ameen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Me laali, innii duumansa keessa dhufuu jiraa! Namii cuftii isa arga, jarii durii isa waraaneelleen. Gochitii lafaa cufa marroo isaatiif bootti. Ha akkasuma taatuu! Ee'e jenne!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni duumessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni duumeessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunoo duumessa keessaan ni dhufa, namoonni isa woraanan'llee uduu hin hafin naminni marrinuu ni arigaan, ummatoonni arddi'ii marrinuu sababa isaatiin ni booyan, wonitti kun dhuga'a, Ameen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, inni duumensaan dhufaara, ilti marti isa hin dhaggiti; worri isa woraaneeyyuu hin dhagga; kolbaan lafa irraa marti sababa isaatiin hin bowan. Ee! Akkasuma hin teeti. Ameen.