Revelation 1:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani obboleessi keessan Yohaannis, ka waa'ela keessan te'ee Yesuusiin rakkinna, mootumma'aa fi ciniinnatanee ossiisa qoodame, marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa-bayiisa Yesuusiitiif oddoola Phaaximoo jedhantu keessa jiraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Yohana oboleesa keesani; Yeso keesa nu gaargalafi Finna isatiifi obsa woliini arganna. Waan anini dubbi Waaqatiifi d'uga Yesoni mullise odeeseefi, lafa bisaani marsani, ta Patmo jed'ani, keesa jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin obboleessii keessan Yoh. aannis ka karaa Yesus gulaan gaargalaa, mootummaa isatii fi obsa isan waliin qoodadhu. Waan anin dubbii Waaqaatii fi dhugaa Yesus mullisee odeesseef, lafa bisaan marsan, ta “Phaaximoo” jedhan, keessa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jeennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbiitii fi waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani obboleessi keessan Yohaannis, ka waa'ela keessan te'ee Yesuusiin rakkinna, mootumma'aa fi ciniinnatanee ossiisa qoodame, marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa-bayiisa Yesuusiitiif oddoola Phaaximoo jedhantu keessa jiraayyu.