Revelation 10:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin hunnaamessi ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. Inni duumensa maratee, mataa ifii irratti hiituu Waaqaa qaba; fuulli isaa aduu fakkaata; miilli isaalle utuboota ibiddaa fakkaata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini malaika guddo d'ibi, ta gubbaa gadi buutu arge. Isiini dumansa aka woya keyatte, ule Waaqa matati mamaratte; fuuli isii aka adu jira, miili isii aka utubaa ibida jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin ergamaa guddaa dhibii, ka gubbaa gadi buu arge. Innii duumansa akka wayaa keeyatee, ulee Waaqaa mataatti maratee; fuulii isaa akka aduu jira, miili isaa akka utubaa ibiddaa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan jabaan biraallee duumessa uffatee ka sami'ii bu'u arge. Mataa isaa irra funyaan karaabaatitu jira. Fuulli isaallee akka adu'uu, lutti isaallee akka ibidda dhaga'aati.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan jabaan biraallee duumeessa uffatee ka sami'ii bu'u arge. Mataa isaa irra funyaan karaabaatitu jira. Fuulli isaallee akka adu'uu, lutti isaallee akka ibidda dhaga'aa ti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti duumessa ka uffate maleyikkichi cimaan bira'aa sami'ii yoo bu'u ni arge, nannoo mataa isaa funyaan karaabaa ni jira ture, fuulli isaa akka adu'uu, miila isaa'llee akka utubaawwan ibiddaa ni turan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin hunnaamessi ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. Inni duumensa maratee, mataa ifii irratti hiituu Waaqaa qaba; fuulli isaa aduu fakkaata; miilli isaalle utuboota ibiddaa fakkaata.