Revelation 10:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba, “Ati marroo kolbaa adda addaa, marroo gosa biyya adda addaa, marroo afaan adda addaatii fi marroo mootota adda addaa raaga dubbatuu qadda” jedhamee natti himame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani waan naani jed'ani, Ammalle d'aamsa Waaqaa ka gosa heddutiifi lafa heddutiifi afaani heddutiifi hayyoota ch'ufa odeesu malte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan, “Ammallee dhaamsa Waaqaa ka gosa hedduu, ka lafa hedduu, ka afaan heddutii fi hayyootaa cufaa himuu malte” naan jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gosa hedduu fi worra Yihuudotaa hin taane, «Worra Afaan adda addaa qaaqanii fi mootota marattuu deebitee raaga dubbachuu si barbaachisa» jedhamee natti himame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gosa hedduu fi worra Yihuudotaa hin taane, «Worra Afaan adda addaa qaaqanii fi mootota marattuu deebitee raaga dubbachuu si barbaachisa» jedhamee natti himame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti, «Waayee gosoota baayi'e'eetiif, ummatootaa fi waayee namoota afaan adda addaa dubbataniitii fi waayee nugusotaa'llee, irra deebitee raaga dubbachuu ni qabdda!» jedhamee, natti ni himame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba, «Ati marroo kolbaa adda addaa, marroo gosa biyya adda addaa, marroo afaan adda addaatii fi marroo mootota adda addaa raaga dubbatuu qadda» jedhamee natti himame.