Revelation 10:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni Kitaaba mara'aa diqqaa banameeru harkatti qabateera; miila ifii middicha abbaayaa guddoo irra, miila bitaacha lafa irra keyate;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woraqata diqa banisa qabu toko harkaa qabdi. Miila isii mirgicha galaana gubba keyatte, bitaacha lafa goddu gubba keyatte,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waraqata diqqaa baniisa qabu tokko harkaa qaba. Miila isaa mirgicha galaana gubbaa keeyyate, bitaachaa lafa godduu gubbaa keeyyate,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kitaabattii diqqoo banamte harkatti qabateera. Luka isaa ta mirgaatiin galaana irra, ta biita'aatiin lafa irra dhaabate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kitaabattii diqqoo banamte harkatti qabateera. Luka isaa ka mirgaatiin galaana irraa, ta biita'aatiin lafa irra dhaabate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
kitaaba banamtte diqqoo kaldho'oo maramttuu harkatti qabatee jira ture, miilli isaa ka mirgaa garba ciisaa irra, miila isaa ka bita'aa'llee arddii irra ni kaayate,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni Kitaaba maramaa diqqaa banameeru harkatti qabateera; miila ifii middicha abbaayaa irra, miila bitaacha lafa irra keyate;