Revelation 10:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Innille maqaa Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin, ka ol-gubba'aa fi waan isii keessa jiru, ka lafaa fi waan isii keessa jiru, ka abbaayaa guddo'oo fi waan isii keessa jiru dadeetiin kakatee, “Yoona hin turu!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
maqa Waaqa ka haga hegeri jiruufi ka gubbafi waan keesa jira ch'ufa uume, lafafi waan keesa jira ch'ufaafi galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumeeni kakhate. Malaikaani waan jette, ammaa achi wonti kunini iti deebite inturtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Maqaa Waaqaa ka haga jiruu jireennaa jiru, ka gubbaa fi waan keessa jiraallee, lafaa fi waan keessa jiraalle, galaana fi waan keessa jiraa cufaallee uumeen kakhatee, “Armaa achi wantii kunin itti deebitee miila hindhaabattu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sami'ii fi waan samii keessa jiran, lafaa fi waan galaana keessa jiran, galaanaa fi waan galaana keessa jiran ka uumee fi baraa haga bara baraa jiraataa ta'ee ka jiraatuun kakatee, «Ammaa achi hin turu!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sami'ii fi waan samii keessa jiran, lafaa fi waan galaana keessa jiran, galaanaa fi waan galaana keessa jiran ka uumeef baraa haga bara baraa jiraataa ta'ee ka jiraatuun kakatee, «Ammaa achi hin turu!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
baraa haga baraa titti ka jiraatuun, sami'ii fi wonittoota isa keessa jiran, arddi'ii fi wonittoota isii keessa jiran, garba ciisa'aa fi wonittoota isa keessa jiran maqaa Waaqa uumeetiin kakatee akkana ni jedhe, «Ammaa achitti hin turu!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Innille maqaa Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin, ka ol-gubba'aa fi waan isii keessa jiru, ka lafaa fi waan isii keessa jiru, ka abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru dadeetiin kakatee, «Yoona hin turu!